LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 19:14-19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Hisqiyaasis xalayaawwan sana harka namoota ergaman sanaa irraa fuudhee dubbise. Achiis gara mana Yihowaatti ol baʼee xalayaawwan sana Yihowaa duratti diriirse.+ 15 Sana booda Hisqiyaas akkana jedhee Yihowaa duratti kadhachuu jalqabe:+ “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, isa kiruubelotaa+ olitti* teessoo irra teessu, mootummoota lafaa hundaaf Waaqni dhugaan si qofa dha.+ Ati samii fi lafa uumteetta. 16 Yaa Yihowaa, gurra kee as qabii dhagaʼi!+ Yaa Yihowaa, ija kee banii ilaali!+ Dubbii Senaaheriib Waaqa jiraataatti qoosuuf erge dhagaʼi. 17 Yaa Yihowaa, mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii akka balleessan beekamaa dha.+ 18 Waaqolii isaaniis ibidda keessatti gataniiru; sababiin isaas, isaan mukaa fi dhagaa warra hojii harka namaa+ taʼan malee waaqolii hin turre.+ Isaan balleessuu kan dandaʼanis kanaafi. 19 Amma garuu yaa Waaqa keenya Yihowaa, mootummoonni lafa irraa hundi ati qofti Waaqa taʼuu kee akka beekaniif, maaloo yaa Yihowaa, harka isaa jalaa nu oolchi.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi