LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 8:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Kadhannaa tajaajilaan kee fudhatama argachuuf dhiheessuu fi sabni kee Israaʼel gara bakka kanaatti kadhannaa gochuudhaan wawwaannaa dhiheessan dhagaʼi; samii isa bakka jireenyaa kee taʼe keessaa dhagaʼi;+ eeyyee, dhagaʼi; dhiifamas godhi.+

  • 2 Seenaa Baraa 6:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Kadhannaa tajaajilaan kee gara bakka kanaatti dhiheessu dhagaʼuuf, guyyaa fi halkan ijji kee gara mana bakka maqaan kee ittiin waamamu+ akka taʼu dubbatte kanaatti kan baname haa taʼu.

  • 2 Seenaa Baraa 20:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 ‘Goraadeedhaan, murtii adabaatiin, golfaadhaan yookiin beelaan yommuu balaan nutti dhufu, nuti mana kanaa fi si dura ni dhaabbanna (maqaan kee mana kana keessa waan taʼeef);+ dhiphina keenya irraan kan kaʼe akka nu gargaartus si waammanna; atis nu dhagaʼiitii nu oolchi.’+

  • Daaniʼel 9:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Kanaafuu, ani gara Yihowaa Waaqa dhugaatti fuula koo nan naannesse; soomee, uffata gaddaa uffadhee, akkasumas daaraa of irratti firfirsee isa nan kadhadhe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi