-
1 Mootota 8:33, 34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 “Sabni kee Israaʼel irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe diinota isaaniitiin yommuu moʼamanitti,+ gara keetti deebiʼanii maqaa keetiif ulfina yoo kennan,+ mana kana keessatti yoo kadhannaa dhiheessanii fi fudhatama argachuuf yoo si kadhatan,+ 34 ati samii keessaa dhagaʼiitii cubbuu sabni kee Israaʼel hojjeteef dhiifama godhi; gara biyya abbootii isaaniitiif kennitettis isaan deebisi.+
-
-
2 Seenaa Baraa 6:28-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 “Biyyattii irratti beelli+ yookiin golfaan+ yookiin bubbeen waxalu yookiin waagiin+ yookiin hoomaan awwaannisaa yookiin awwaannisni* hin quufne+ yoo dhufe yookiin diinonni isaanii magaalota biyyattii* kamitti iyyuu yoo isaanitti marsan+ yookiin dhaʼichi yookiin dhukkubni kan biraan akkamii iyyuu yoo uumame,+ 29 namni kam iyyuu yookiin sabni kee Israaʼel hundi (namni hundi madaa ofii isaa fi dhiphina ofii isaa waan beekuuf)+ kadhannaa akkamii iyyuu dhiheessuuf,+ akkasumas fudhatama argachuuf wawwaannaa akkamii iyyuu dhiheessuuf+ harka isaanii gara mana kanaatti yommuu ol kaasan,+ 30 bakka jireenyaa kee+ samii keessaa dhagaʼiitii dhiifama godhi;+ garaa isaa kan beeku si waan taʼeef (dhugumaan garaa namaa kan beeku si qofa dha)+ tokkoon tokkoon namaatiif akka daandiiwwan isaa hundumaatti isaaf deebisi;
-