-
Iyyaasuu 10:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Yeroo Yihowaan Israaʼelota duratti Amoorota injifatetti Iyyaasuun Israaʼelota duratti Yihowaadhaan akkana jedhe:
“Yaa aduu, Gibeʼon+ irratti dhaabbadhu!+
Yaa addeessaa, Sulula* Ayiloon irratti dhaabbadhu!”
13 Kanaafuu, sabichi diinota isaa irratti hamma haaloo baʼutti aduun bakkuma jirtu ni dhaabbatte; addeessis iddoo ishiitii hin sochoone. Kun kitaaba Yaashaar+ irratti barreeffameera mitii? Aduun samii walakkaa bakkuma jirtu ni dhaabbatte; gara guyyaa tokkootiifis lixuudhaaf hin ariifanne.
-