-
2 Seenaa Baraa 36:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 “Qiiros mootiin Faarsi akkana jedha: ‘Waaqa samiiwwanii kan taʼe Yihowaan mootummoota lafa irraa hundumaa naaf kenneera;+ Yerusaalem ishii Yihudaatti argamtu keessattis mana akkan isaaf ijaaru na ajajeera.+ Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa Yihowaan isaa wajjin haa taʼu; innis achitti ol haa baʼu.’”+
-
-
Izraa 1:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isaa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishii Yihudaa keessatti argamtutti ol baʼee mana Yihowaa Waaqa Israaʼel isa manni isaa Yerusaalem keessatti argamuu deebisee haa ijaaru; inni Waaqa dhugaa dha.
-
-
Amoos 9:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 ‘Ani biyya isaanii irratti isaan nan dhaaba,
Isaan matumaa biyya ani isaaniif kenne irraa
Lammata hin buqqaʼan’+ jedha Yihowaan Waaqni kee.”
-