-
Isaayyaas 60:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Namoonni kee hundi qajeelota ni taʼu;
Bara baraafis biyyattii ni dhaalu.
-
-
Hisqiʼel 34:27, 28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Mukeetiin dirree keessa jiran firii ni godhatu; lafattiin oomisha ishii ni kenniti;+ isaanis tasgabbiidhaan biyyattii keessa ni jiraatu. Yommuun waanjoo isaanii cabsuu+ fi warra garboota isaan godhatan irraa isaan oolchutti, isaan ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. 28 Isaan kana booda wanta saboonni adamsan hin taʼan; bineensonni bosonaa lafa irra jiran isaan hin nyaatan; eenyu iyyuu utuu isaan hin sodaachisinis tasgabbiidhaan ni jiraatu.+
-