-
Ermiyaas 41:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kanaafuu, isaan gara Gibxii deemuu+ yaadanii bakka buufataa Kimhaam isa Beetaliheemitti+ aanee argamu deemanii achi taaʼan; 18 kanas kan godhan Kaladootaan kan kaʼe dha. Sababiin isaas, Ishmaaʼel ilmi Nataaniyaa Gedaaliyaa ilma Ahiqaam isa mootiin Baabilon biyyattii irratti muude sana ajjeesuu isaatiin kan kaʼe isaan sodaatanii turan.+
-