-
Ermiyaas 42:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
42 Achiis ajajjoonni raayyaa waraanaa hundi, Yohaanaan+ ilmi Qaareʼaa fi Yezaaniyaan ilmi Hoshaayaa, akkasumas guutummaan sabichaa isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti gara isaa dhufanii, 2 Ermiyaas raajichaan akkana jedhan: “Akkuma amma argaa jirtutti, namoota hedduu keessaa kan hafne namoota muraasa qofa waan taaneef, maaloo, wawwaannaa keenya nuuf dhagaʼi; nuufis taʼe warra hafan kana hundumaatiif Waaqa kee Yihowaatti kadhannaa nuuf dhiheessi.+
-