LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 41:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Yohaanaan ilmi Qaareʼaa fi ajajjoonni raayyaa waraanaa hundi namoota Misphaadhaa dhufan kaanii fi Ishmaaʼel ilmi Nataaniyaa Gedaaliyaa+ ilma Ahiqaam erga ajjeesee booda harka isaa jalaa oolchan sana ni fudhatan. Isaan dhiirota, loltoota, dubartoota, daaʼimmanii fi abbootii taayitaa mana mootummaa sana Gibeʼon irraa deebisanii fidan.

  • Ermiyaas 42:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 Achiis ajajjoonni raayyaa waraanaa hundi, Yohaanaan+ ilmi Qaareʼaa fi Yezaaniyaan ilmi Hoshaayaa, akkasumas guutummaan sabichaa isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti gara isaa dhufanii, 2 Ermiyaas raajichaan akkana jedhan: “Akkuma amma argaa jirtutti, namoota hedduu keessaa kan hafne namoota muraasa qofa waan taaneef, maaloo, wawwaannaa keenya nuuf dhagaʼi; nuufis taʼe warra hafan kana hundumaatiif Waaqa kee Yihowaatti kadhannaa nuuf dhiheessi.+ 3 Waaqni kee Yihowaan daandii irra deemuu qabnuu fi wanta gochuu qabnu nutti haa himu.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi