Uumama 37:25 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 25 Sana booda nyaata nyaachuuf taaʼan. Ol jedhanii yeroo ilaalanis, imaltoonni Ishmaaʼelota+ taʼan Giiliyaad irraa yommuu dhufan ni argan. Gaalota isaanii irrattis hapheen foolii gaarii qabu, baalsaamiinii* fi qolli mukaa haphee qabu+ feʼamee ture; isaan gara Gibxiitti gad buʼaa turan. Ermiyaas 8:22 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 22 Giiliyaad keessa baalsaamiin* hin jiruu?+ Yookiin kan fayyisu* achi hin jiruu?+ Maarree, intalli saba kootii dhukkuba irraa kan hin fayyine maaliifi?+
25 Sana booda nyaata nyaachuuf taaʼan. Ol jedhanii yeroo ilaalanis, imaltoonni Ishmaaʼelota+ taʼan Giiliyaad irraa yommuu dhufan ni argan. Gaalota isaanii irrattis hapheen foolii gaarii qabu, baalsaamiinii* fi qolli mukaa haphee qabu+ feʼamee ture; isaan gara Gibxiitti gad buʼaa turan.
22 Giiliyaad keessa baalsaamiin* hin jiruu?+ Yookiin kan fayyisu* achi hin jiruu?+ Maarree, intalli saba kootii dhukkuba irraa kan hin fayyine maaliifi?+