-
Isaayyaas 25:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Harki Yihowaa gaara kana irra ni buufata,+
Akkuma citaan tuullaa dikee irratti dhidhiitamutti,
Moʼaabis iddoo ishii irratti ni dhidhiitamti.+
11 Akkuma namni bishaan daaku tokko bishaan daakuuf harka isaatiin rukututti,
Innis harka isaatiin ishii ni rukuta;
Harka isaa beekumsaan sochoosuudhaanis
Of tuulummaa ishii ni balleessa.+
-
-
Sefaaniyaa 2:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha,
Moʼaab akka Sodoom,+
Amoonis akka Gomoraa ni taʼu,+
Iddoo doobbiin itti biqiluu fi boolla soogiddaa ni taʼu, yeroo hundumaatiifis ona ni taʼu.+
Warri uummata koo keessaa hafan isaan ni saamu,
Warri saba koo keessaa hafan isaan ni dhaalu.
10 Of tuulummaa isaaniitiin kan kaʼe kun isaan irra ni gaʼa,+
Isaan saba Yihowaa Gooftaa raayyaa arrabsaniiru, isaan irratti ol of qabaniiru.
-