-
Hisqiʼel 21:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 “Ati garuu yaa ilma namaa, daandiiwwan goraadeen mootii Baabilon irra dhufu lama irratti mallattoo godhi. Lamaan isaanii iyyuu biyyuma tokko irraa ni kaʼu; bakka daandiin gara magaalota lamaanitti geessu sun addaan itti baʼu irrattis mallattoon* tokko haa dhaabamu. 20 Daandii isa tokko goraadee Raabaa+ ishii kan Amoonotaa taate irratti dhufuuf mallattoo godhi; daandii isa kan biraa immoo goraadee Yerusaalem ishii dallaa dhagaa qabduu+ fi Yihudaa keessatti argamtu irratti dhufuuf mallattoo godhi.
-