20 Ishii keessa matumaa namni hin jiraatu,
Dhaloota hundumaa keessattis bakka namoonni keessa hin jiraanne ni taati.+
Arabni dunkaana isaa achi hin dhaabu,
Tiksitoonnis bushaayee isaanii achitti hin boqochiisan.
21 Uumamawwan gammoojjii achi ni ciciisu;
Manneen isaaniis hurunguudhaan ni guutamu.
Guchiiwwan achi ni jiraatu,+
Reʼoonni bosonaas achitti ni burraaqu.