LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyaasuu 23:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 “Ammas wanta kitaaba Seera+ Musee irratti barreeffame hundumaa eeguu fi raawwachuuf baayʼee onnatoo taʼaa; kanas kan gootan wanta barreeffame irraa matumaa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti jalʼachuu dhiisuudhaan,+ 7 akkasumas matumaa saboota warra isin biratti hafan kanatti makamuu dhiisuudhaani.+ Isin maqaa waaqolii isaanii illee hin dhaʼinaa,+ isaaniin hin kakatinaa, matumaa isaan hin tajaajilinaa yookiin isaaniif hin sagadinaa.+

  • Ermiyaas 2:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Sabni warra waaqolii hin taaneen waaqolii isaa jijjiiree beeku jiraa?

      Sabni koo garuu wanta faayidaa hin qabneen ulfina koo jijjiireera.+

  • Ermiyaas 12:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 “Isaan akkuma saba koo maqaa Baʼaaliin kakachuu barsiisanii turanitti, daandii saba kootii yoo baratanii fi ‘Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha!’ jedhanii maqaa kootiin yoo kakatan, saba koo gidduutti ni dhaabamu.

  • Sefaaniyaa 1:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 “Ani Yihudaa irrattii fi

      Jiraattota Yerusaalem hundumaa irratti harka koo nan diriirsa,

      Iddoo kana irraas hambaa* Baʼaal hundumaa,+

      Maqaa luboota waaqa biyya ormaas luboota sanaa wajjin haxaaʼee nan balleessa;+

       5 Akkasumas warra baaxii irratti raayyaa samiitiif sagadan,+

      Warra utuma Yihowaadhaaf sagadanii, isaaf amanamoo taʼuufis utuma waadaa galanii+

      Maalkaamiif amanamoo taʼuuf waadaa galan,+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi