-
Lakkoofsa 13:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Kanaafuu, isaan Qaadesh+ ishii lafa onaa Phaaraan keessatti argamtutti gara Musee, gara Aaronii fi gara guutummaa yaaʼii Israaʼelitti deebiʼan. Isaanis guutummaa yaaʼichaatiif oduu fidanii dhufan; akkasumas firii biyyattii isaanitti argisiisan. 27 Oduun isaan Museetti himan kana ture: “Gara biyyattii ati itti nu ergitetti seenneerra; ishiin dhugumaan biyya aannanii fi damma maddisiistu dha;+ firiin ishiis kunoo ti.+
-
-
Keessa Deebii 6:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Waaqni kee Yihowaan gara biyya siif kennuuf abbootii kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakatetti, magaalota guguddoo fi gaggaarii ati hin ijaarretti+ yommuu si galchu,+ 11 gara manneen wantoota gaggaarii akaakuu hundumaa ati itti hin dadhabneen guutamanitti, gara boollawwan bishaanii ati hin qonnetti, akkasumas gara maasiiwwan wayinii fi mukeetii ejersaa* ati hin dhaabnetti yommuu si fiduu fi atis nyaattee yommuu quuftutti,+
-
-
Keessa Deebii 8:7-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan biyya gaarii,+ biyya lageen* qabdu, biyya burqaawwanii fi fincaaʼaawwan* dirree keessa, akkasumas naannoo gaarotaa keessa yaaʼan qabdutti si galcha; 8 biyya qamadii fi garbuutti, biyya mukeetii wayiniitti, biyya mukeetii harbuutti, biyya romaaniitti,+ biyya zayitii ejersaattii fi biyya dammaatti,+ 9 biyya hanqinni midhaanii hin jirrettii fi ati homaa keessaa hin dhabnetti, biyya dhagoonni ishii sibiila qabanitti, biyya gaarota ishii irraa sibiila diimaa baafattuttis si galcha.
-