LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 65:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Ani guyyaa guutuu gara saba didaa+ taʼetti,

      Gara warra yaada mataa isaanii duukaa buʼuudhaan

      Daandii sirrii hin taane irra deemanitti+ harka koo nan diriirse;

  • Ermiyaas 7:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Isaan garuu hin dhageenye yookiin gurra hin kennine;+ kanaa mannaa, didaa taʼanii garaa isaanii isa hamaa hordofuudhaan yaada* mataa isaaniitiin deeman;+ isaan fuulduratti deemuu mannaa duubatti deebiʼan;

  • Ermiyaas 7:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Sabichi garuu na dhagaʼuu didan, gurras hin kennine.+ Kanaa mannaa, didaa taʼan,* abbootii isaanii caalaas hammina raawwatan!

  • Hisqiʼel 20:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “‘“Isaan garuu ana irratti ni fincilan; na dhagaʼuufis fedhii hin qaban turan. Wantoota jibbisiisoo isaan dura turan of biraa hin balleessine; waaqolii tolfamoo Gibxii warra balfamoo taʼanis hin dhiisne.+ Kanaafuu, biyya Gibxii keessatti dheekkamsa koo isaan irratti dhangalaasuuf, aarii koos guutummaatti isaan irratti gadhiisuuf nan murteesse.

  • Zakkaariyaas 7:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Isaan garuu dhagaʼuu didan;+ mata jabeeyyii taʼuudhaan na irraa garagalan;+ akka hin dhageenyeefis gurra isaanii cuqqaalan.+ 12 Isaan garaa isaanii akkuma dhagaa* ni jabeessan;+ seerichaa* fi dubbii Yihowaan Gooftaan Raayyaa karaa raajota durii hafuura isaatiin ergeefis hin ajajamne.+ Kanaan kan kaʼes, Yihowaa Gooftaa Raayyaa irraa dheekkamsi guddaan ni dhufe.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi