- 
	                        
            
            Isaayyaas 59:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
7 Miilli isaanii hammina raawwachuutti fiiga,
Isaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuuf ariifatu.+
Yaanni isaanii kan nama miidhu dha;
Badiisnii fi gadadoon daandii isaanii irra jira.+
8 Isaan daandii nagaa hin beekan,
Karaa isaanii irras haqni hin jiru.+
Daandii isaanii micciiramaa ni godhu;
Namni achi irra deemu kam iyyuu nagaa hin beeku.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Ermiyaas 5:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
23 Sabni kun garuu, garaa didaa fi fincilaa taʼe qaba;
Isaan na irraa goranii daandii mataa isaanii irra deemaniiru.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Ermiyaas 35:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
15 Ani irra deddeebiʼee* raajota warra tajaajiltoota koo taʼan hundumaa akkana jedhee gara keessanitti ergeera:+ ‘Maaloo, tokkoon tokkoon keessan daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa,+ wanta sirrii taʼes raawwadhaa! Waaqolii kan biroo duukaa hin buʼinaa, isaan hin tajaajilinaas. Akkana yoo gootan biyyan isiniifis taʼe abbootii keessaniif kenne keessa jiraachuu keessan itti fuftu.’+ Isin garuu gurra keessan natti hin qabne yookiin na hin dhageenye.
 
 -