-
Ermiyaas 7:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Isaan garuu hin dhageenye yookiin gurra hin kennine;+ kanaa mannaa, didaa taʼanii garaa isaanii isa hamaa hordofuudhaan yaada* mataa isaaniitiin deeman;+ isaan fuulduratti deemuu mannaa duubatti deebiʼan; 25 guyyaa abbootiin keessan biyya Gibxiitii baʼan irraa jalqabee hamma harʼaatti akkana godhan.+ Kanaafuu, ani raajota warra tajaajiltoota koo taʼan hundumaa guyyaa guyyaadhaan irra deddeebiʼee* gara keessanitti erguu koo ittan fufe.+
-