15 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isaan mata jabeeyyii taʼuudhaan dubbii kootiif ajajamuu waan didaniif, kunoo, magaalaa kanaa fi gandeen ishii hundumaa irratti badiisa akkan itti fidu dubbadhe sana hundumaa nan fida.’”+