-
Ermiyaas 5:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Yommuu isaan, ‘Waaqni keenya Yihowaan wantoota kana hundumaa kan nu irratti raawwate maaliifi?’ jedhanii gaafatan, ati immoo, ‘Isin biyya keessan keessatti waaqa ormaa tajaajiluuf akkuma na dhiistan, biyya kan keessan hin taane keessatti namoota biyya ormaa ni tajaajiltu’ jettee isaaniif deebista.”+
-
-
Ermiyaas 16:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Yommuu ati dubbii kana hundumaa saba kanatti himtu isaan immoo, ‘Yihowaan rakkinni guddaan kun hundi akka nu irra gaʼu kan dubbate maaliifi? Waaqa keenya Yihowaa irratti balleessaa fi cubbuu akkamii raawwanne?’ jedhanii si gaafatu.+ 11 Akkana jedhii isaaniif deebisi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kun kan taʼe, abbootiin keessan waan na dhiisaniif,+ waaqolii kan biroo duukaa waan buʼaniif, waan isaan tajaajilanii fi waan isaaniif sagadaniifi.+ Isaan na dhiisaniiru, seera koos hin eegne.+
-