LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 4:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Yihowaan saboota gidduutti isin bittinneessa;+ isin keessaa namoota muraasa qofatu saboota Yihowaan itti isin ariʼu gidduutti hafa.+

  • Keessa Deebii 28:48
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 48 Yihowaan diinota kee sitti ni erga; atis beeloftee,+ dheebottee, daartee, akkasumas wanta hundumaa dhabdee utuu jirtuu isaan tajaajilta.+ Innis haxaaʼee hamma si balleessutti waanjoo sibiilaa morma kee irratti ni feʼa.

  • Keessa Deebii 29:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 isaanis taʼan saboonni hundi, ‘Yihowaan biyya kana irratti akkana kan godhe maaliifi?+ Dheekkamsa guddaa bobaʼu kana kan fide maali dha?’ jedhu. 25 Namoonnis akkana jedhu: ‘Kun kan taʼe, kakuu Waaqni abbootii isaanii Yihowaan yommuu biyya Gibxii keessaa isaan baasetti+ isaanii wajjin gale sana waan dhiisaniifi.+

  • 2 Seenaa Baraa 7:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Manni kunis tuullaa diiggaa ni taʼa. Namoonni achiin darban hundis ajaaʼibsiifatanii ilaaluudhaan,+ ‘Yihowaan biyya kanaa fi mana kana irratti akkana kan godhe maaliifi?’ jedhu.+ 22 Achiis, ‘Isaan Waaqa abbootii isaanii kan taʼe Yihowaa isa biyya Gibxiitii isaan baase+ dhiisanii+ waaqolii kan birootti waan goraniif, waan isaaniif sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi.+ Inni rakkina kana hundumaa kan isaanitti fide kanaafi’ jedhu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi