-
Izraa 9:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Achiis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa koo, dogoggorri keenya mataa keenya irratti waan baayʼatee fi yakki keenya hamma samiitti waan tuulameef, yaa Waaqa koo, ani fuula koo gara keetti ol kaasuuf nan qaanaʼe, nan saalfadhes.+
-
-
Nahimiyaa 9:33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Wanta nutti dhufe hundumaatiin ati qajeelaa dha; sababiin isaas ati amanamaa dha; gocha hamaa kan raawwate nu dha.+
-
-
Daaniʼel 9:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 nuti cubbuu hojjenneerra, balleessaa fi hammina raawwanneerra, fincilleerras;+ ajajawwan kee fi murtiiwwan kee irraa gorreera.
-
-
Daaniʼel 9:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “Yaa Yihowaa, si irratti cubbuu waan hojjenneef, nuti, mootonni keenya, bulchitoonni keenyaa fi abbootiin keenya qaanii* ofitti fidneerra.
-