- 
	                        
            
            Keessa Deebii 28:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Ermiyaas 9:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
21 Sababiin isaas, duuti karaa foddaa keenyaa dhufeera;
Inni daandiiwwan irraa ijoollee,
Addabaabayiiwwan irraas dargaggoota fudhachuuf,
Masaraawwan keenya warra ciccimoo keessa seeneera.’+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Hisqiʼel 24:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
21 ‘Akkana jedhii mana Israaʼelitti dubbadhu: “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ani iddoo qulqulluu koo isa ittiin boontan, isa baayʼee jaallattanii fi hawwii garaa keessanii* taʼe sana nan xureessa.+ Ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keessan warri dhiistanii deemtan sun goraadeedhaan ni kufu.+
 
 -