-
Uumama 6:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Dhuma irratti Yihowaan hamminni namaa lafa irratti akka baayʼate, fedhiin garaa isaa hundis yeroo hundumaa hamaa akka taʼe ni arge.+
-
-
Uumama 8:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Yihowaanis urgaa fooliin isaa gammachiisu* ni urgeeffate. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan garaa isaatti akkana jedhe: “Ijoollummaa isaatii jalqabee wanti namni garaa isaatti yaadu hamaa waan taʼeef,+ ani sababii namaatiin lammata lafa kana hin abaaru;+ akkan amma godhe kanattis uumamawwan jiraatoo hundumaa lammata hin balleessu.+
-