3 Kanaafuu, isaan namoota biyyoota naannoo isaaniitti argaman kan sodaatan taʼus,+ iddoo aarsaa bakka isaa duriitti ni hojjetan; isaan achi irratti aarsaawwan gubaman warra Yihowaadhaaf dhihaatan, jechuunis aarsaawwan gubaman+ warra ganamaa fi galgala dhihaatan dhiheessuu jalqaban.