-
Ermiyaas 7:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Sababiin isaas, isin dhugumaan daandii keessanii fi gocha keessan yoo jijjiirtan, dhugumaan nama tokkoo fi michuu isaa gidduutti haqni akka raawwatamu yoo gootan,+ 6 namoota biyya ormaa, ijoollee warri jalaa duʼanii* fi dubartoota abbaan manaa irraa duʼe yoo cunqursuu baattan,+ iddoo kanatti dhiiga qulqulluu yoo dhangalaasuu baattan, akkasumas waaqolii kan biroo warra isin miidhan duukaa yoo buʼuu baattan,+ 7 ani immoo iddoo kana, biyya isan yeroo hundumaatiif* abbootii keessaniif kenne keessa jiraachuu keessan akka itti fuftan isiniif nan heyyama.”’”
-