LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraa 1:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isaa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishii Yihudaa keessatti argamtutti ol baʼee mana Yihowaa Waaqa Israaʼel isa manni isaa Yerusaalem keessatti argamuu deebisee haa ijaaru; inni Waaqa dhugaa dha.

  • Ermiyaas 12:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Haa taʼu malee, ergan isaan buqqisee booda, deebisee gara laafina isaanitti nan argisiisa; tokkoon tokkoon isaaniis gara dhaala isaaniittii fi gara lafa isaaniitti nan deebisa.”

  • Ermiyaas 25:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Guutummaan biyya kanaa onaa fi wanta sodaachisaa ni taʼa; saboonni kunis waggaa 70f mootii Baabiloniin tajaajiluuf ni dirqamu.”’+

  • Ermiyaas 29:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 “Yihowaan akkana jedha: ‘Waggaan 70ni Baabilonitti dabarsitan yommuu xumuramu, xiyyeeffannaa koo gara keessanitti nan deebisa;+ gara iddoo kanaatti isin deebisuudhaanis waadaan gale nan raawwadha.’+

  • Hisqiʼel 36:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Saboota gidduudhaa isin baasee, biyyoota hundumaa keessaas walitti isin qabee gara biyya keessaniitti isin nan deebisa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi