LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 36:20, 21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Warra goraadee irraa oolan boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ isaanis hamma mootummaan Faarsi bulchuu jalqabetti+ isaa fi ilmaan isaatiif tajaajiltoota taʼan;+ 21 kunis kan taʼe, dubbiin Yihowaan karaa Ermiyaas dubbate akka raawwatamuuf,+ hamma biyyattiin idaa sanbataa ishii irra jiru kaffaltutti ture.+ Waggoonni 70ni sun hamma raawwatamanittis, biyyattiin yeroo ona taatee turte hundumaatti sanbata ni kabajje.+

  • Izraa 1:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 1 Dubbiin Yihowaan karaa Ermiyaas dubbate+ akka raawwatamuuf, waggaa jalqabaa Qiiros+ mootii Faarsitti, Yihowaan guutummaa mootummaa isaa keessatti labsii tokko akka labsuuf hafuura Qiiros mootii Faarsi ni kakaase; innis akkana jedhee labsii sana barreesse:+

      2 “Qiiros mootiin Faarsi akkana jedha: ‘Waaqa samiiwwanii kan taʼe Yihowaan mootummoota lafaa hundumaa naaf kenneera;+ Yerusaalem ishii Yihudaatti argamtu keessattis mana akkan isaaf ijaaru+ na ajajeera. 3 Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isaa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishii Yihudaa keessatti argamtutti ol baʼee mana Yihowaa Waaqa Israaʼel isa manni isaa Yerusaalem keessatti argamuu deebisee haa ijaaru; inni Waaqa dhugaa dha.

  • Daaniʼel 9:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 inni bulchuu jalqabee waggaa tokkoffaa isaatti ani Daaniʼel, akkuma Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa dubbatetti waggoota Yerusaalem ona taatee itti turtu+ kitaabota* irraa nan hubadhe; innis waggaa 70 ture.+

  • Zakkaariyaas 1:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Kanaafuu, maleekaan Yihowaa, “Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, hamma yoomiitti Yerusaalemii fi magaalota Yihudaa+ warra waggaa 70f itti dheekkamtetti gara laafina argisiisuu dhiista?”+ jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi