-
2 Seenaa Baraa 36:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Warra goraadee irraa oolan boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ isaanis hamma mootummaan Faarsi bulchuu jalqabetti+ isaa fi ilmaan isaatiif tajaajiltoota taʼan;+ 21 kunis kan taʼe, dubbiin Yihowaan karaa Ermiyaas dubbate akka raawwatamuuf,+ hamma biyyattiin idaa sanbataa ishii irra jiru kaffaltutti ture.+ Waggoonni 70ni sun hamma raawwatamanittis, biyyattiin yeroo ona taatee turte hundumaatti sanbata ni kabajje.+
-
-
Ermiyaas 25:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Guutummaan biyya kanaa onaa fi wanta sodaachisaa ni taʼa; saboonni kunis waggaa 70f mootii Baabiloniin tajaajiluuf ni dirqamu.”’+
12 “Yihowaan akkana jedha: ‘Haa taʼu malee, waggaan 70ni kun yommuu xumuramutti+ ani mootii Baabilonii fi saba sana balleessaa isaaniitiif nan adaba;+ biyyi Kaladootaas yeroo hundumaatiif ona akka taatu nan godha.+
-