-
Hisqiʼel 26:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani Nebukadnezaar* mootii Baabiloniin kaaba irraa Xiiros irratti nan fida;+ inni mootii moototaa ti;+ fardeen,+ gaariiwwan fardaa+ waraanaa, abbootii fardeenii fi raayyaa waraanaa loltoota* hedduu qabates qaba. 8 Inni gandeen kee warra baadiyyaa keessatti argaman goraadeedhaan ni balleessa; dallaa sitti marsee ni ijaara; biyyoo sitti naannessee ni tuula; gaachana guddaas si irratti ni kaasa.
-