-
Ermiyaas 29:31, 32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 “Akkana jedhiitii namoota boojiʼaman hundumaatti dhaamsa ergi: ‘Yihowaan Shemaayaa isa nama Nehelaam taʼe sana ilaalchisee akkana jedha: “Ani kan isa hin ergine taʼus, Shemaayaan raajii waan isiniif dubbateef, akkasumas sobatti akka amanamtan gochuuf waan yaaleef,+ 32 Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani xiyyeeffannaa koo gara Shemaayaa isa nama Nehelaam taʼettii fi gara sanyii isaatti nan deebisa. Inni Yihowaa irratti fincila waan kakaaseef, saba kana keessaa namni kan isaa taʼe tokko illee lubbuudhaan hin oolu, innis wanta gaarii ani saba kootiif godhu hin argu’ jedha Yihowaan.”’”
-