LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 14:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Raajonni maqaa kootiin raajii sobaa dubbachaa jiru.+ Ani isaan hin ergine yookiin isaan hin ajajne yookiin isaanitti hin dubbanne.+ Raajiin isinitti dubbachaa jiran mulʼata sobaa, hooda gatii hin qabnee fi gowwoomsaa garaa isaanii keessaa maddu dha.+

  • Ermiyaas 28:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Achiis Ermiyaas raajichi Hanaaniyaa+ raajichaan akkana jedhe: “Yaa Hanaaniyaa, maaloo, dhagaʼi! Yihowaan si hin ergine; ati garuu sabni kun sobatti akka amanamu gooteetta.+ 16 Kanaan kan kaʼes, Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani lafa irraa sin balleessa. Yihowaa irratti fincila waan kakaasteef, ati waggaa kanatti ni duuta.’”+

  • Hisqiʼel 13:8, 9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “‘Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “‘Isin wanta soba taʼe waan dubbattaniif, mulʼanni keessanis soba waan taʼeef, ani isin irratti kaʼeera’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”+ 9 Harki koo raajota mulʼanni isaanii soba taʼee fi raajii sobaa dubbatan irratti kaʼeera.+ Isaan saba ani akka michuu kootti ilaalu keessaa tokko hin taʼan; galmee mana Israaʼel keessatti hin galmeeffaman; gara biyya Israaʼelittis hin deebiʼan; isinis ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi