-
Ermiyaas 28:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Achiis Ermiyaas raajichi Hanaaniyaa+ raajichaan akkana jedhe: “Yaa Hanaaniyaa, maaloo, dhagaʼi! Yihowaan si hin ergine; ati garuu sabni kun sobatti akka amanamu gooteetta.+ 16 Kanaan kan kaʼes, Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani lafa irraa sin balleessa. Yihowaa irratti fincila waan kakaasteef, ati waggaa kanatti ni duuta.’”+
-
-
Ermiyaas 29:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Sababiin isaas, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Raajonni keessanii fi warri hooda isiniif dubbatan kanneen isin gidduutti argaman isin hin gowwoomsin;+ abjuu isaan abjuʼatanis hin dhagaʼinaa. 9 Sababiin isaas, ‘Isaan maqaa kootiin raajii sobaa isinitti dubbachaa jiru. Ani isaan hin ergine’+ jedha Yihowaan.”’”
-