-
2 Mootota 17:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture.
-
-
2 Seenaa Baraa 30:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Achiis ergamtoonni* sun xalayaa mootichaa fi bulchitoota isaa biraa ergame qabatanii guutummaa Israaʼelii fi guutummaa Yihudaa keessa naannaʼan; mootichi ajaja akkana jedhu kennee ture: “Yaa namoota Israaʼel, inni gara warra harka mootota Asoor irraa miliqanii hafanitti akka deebiʼuuf, isin gara Yihowaa isa Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Israaʼel taʼetti deebiʼaa.+
-
-
Hoseʼaa 14:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “Yaa Israaʼel, gara Waaqa kee Yihowaatti deebiʼi,+
Ati balleessaa keetiin kan kaʼe gufatteetta.
-