-
Ermiyaas 44:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Namoota Yihudaa warra hafan, warra achi jiraachuuf gara biyya Gibxii deemuuf kutatan sana nan qabadha; hundi isaaniis biyya Gibxii keessatti ni dhumu.+ Isaan goraadeedhaan ni ajjeefamu, beelaanis ni dhumu; isa xinnaadhaa hamma isa guddaattis goraadee fi beelaan ni duʼu. Akkasumas kan abaaraman, wanta nama sodaachisu, warra salphatanii fi warra arrabsaman ni taʼu.+
-
-
Hisqiʼel 17:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Lubbuu namoota hedduu balleessuuf yommuu biyyoon itti naanneffamee tuulamuu fi dallaan itti marfamee ijaaramutti raayyaan waraanaa Faraʼoon inni guddaanii fi loltoonni isaa hedduun waraana irratti isa hin gargaaran.+ 18 Inni kakaa tuffateera, kakuus cabseera. Waadaa galee* kan ture taʼus, wantoota kana hundumaa waan raawwateef hin miliqu.”’
-