LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 26:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Magaalota keessan goraadeedhaaf dabarsee nan kenna;+ iddoowwan qulqulluu keessanis ona nan godha; aarsaawwan keessan warra urgaan isaanii gammachiisu* hin urgeeffadhu.

  • Ermiyaas 26:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 anis mana kana akkuma Shiiloo nan godha;+ magaalaan kunis saboota lafaa hundumaa duratti kan abaaramte akka taatu nan godha.’”’”+

  • Ermiyaas 52:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti, jechuunis Nebukadnezaar* mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa 19ffaa isaatti, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa fi tajaajilaa mootii Baabilon taʼe gara Yerusaalem ni dhufe.+ 13 Innis mana Yihowaa, mana* mootichaa fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana guddaa hunda ni gube.

  • Hisqiʼel 24:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 ‘Akkana jedhii mana Israaʼelitti dubbadhu: “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ani iddoo qulqulluu koo isa ittiin boontan, isa baayʼee jaallattanii fi hawwii garaa keessanii* taʼe sana nan xureessa.+ Ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keessan warri dhiistanii deemtan sun goraadeedhaan ni kufu.+

  • Miikiyaas 3:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Kanaafuu, isiniin kan kaʼe

      Xiyoon akkuma maasiitti ni qotamti,

      Yerusaalem tuullaa diiggaa ni taati,+

      Gaarri Manichaas* akkuma iddoowwan ol kaʼoo bosona keessa jiranii* ni taʼa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi