-
2 Mootota 25:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa torbaffaatti, jechuunis Nebukadnezaar mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa 19ffaa isaatti, Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa fi tajaajilaa mootii Baabilon taʼe gara Yerusaalem ni dhufe.+ 9 Innis mana Yihowaa,+ mana mootichaa+ fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana namoota beekamoo taʼanii hunda ni gube.+ 10 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turan dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+
-