-
Ermiyaas 52:12-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti, jechuunis Nebukadnezaar* mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa 19ffaa isaatti, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa fi tajaajilaa mootii Baabilon taʼe gara Yerusaalem ni dhufe.+ 13 Innis mana Yihowaa, mana* mootichaa fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana guddaa hunda ni gube. 14 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turanis dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+
-
-
Faaruu Ermiyaas 4:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Mootonni lafaa fi jiraattonni lafa oomisha kennitu sanaa hundi,
Hamajaajiinii fi diinni karrawwan Yerusaalemitti akka seene hin amanne.+
-