37 Isaan ejja raawwataniiru;+ harka isaanii irras dhiigatu jira. Isaan waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼanii wajjin ejja raawwachuu qofa utuu hin taʼin, ilmaan isaanii warra anaaf daʼan sanas waaqolii tolfamoo isaaniitiif nyaata akka taʼaniif ibiddaan gubaniiru.+