-
2 Mootota 17:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Ijoollee dhiiraa isaanii fi ijoollee durbaa isaanii ibiddaan ni guban;*+ falfala ni raawwatan;+ milkii ni ilaallatan; isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hojjechuuf dabarsanii of kennan.
18 Kanaafuu, Yihowaan akka malee Israaʼelitti waan aareef fuula isaa duraa isaan balleesse.+ Gosa Yihudaa qofa malee eenyu iyyuu akka hafu hin heyyamne.
-
-
Hisqiʼel 16:36Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
36 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kajeellaan kee akka malee guddaa waan taʼeef, akkasumas yommuu michoota kee fi waaqolii tolfamoo kee warra jibbamoo fi balfamoo*+ ati dhiiga ilmaan keetii illee aarsaa gootee isaaniif dhiheessite+ sana hundumaa wajjin sagaagalummaa raawwattetti qullaan kee waan mulʼateef,
-