LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraa 9:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Achiis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa koo, dogoggorri keenya mataa keenya irratti waan baayʼatee fi yakki keenya hamma samiitti waan tuulameef, yaa Waaqa koo, ani fuula koo gara keetti ol kaasuuf nan qaanaʼe, nan saalfadhes.+

  • Nahimiyaa 9:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 “Haa taʼu malee, isaan siif ajajamuu didan; si irratti fincila kaasan;+ Seera kee irrattis dugda isaanii ni garagalchan.* Raajota kee warra gara keetti akka deebiʼan isaan akeekkachiisaa turan ni ajjeesan; gochawwan tuffii guddaa argisiisanis ni raawwatan.+

  • Ermiyaas 31:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 “Efreem aaduu isaa ani dhugumaan dhagaʼeera,

      ‘Ati akkuma jabbii hin leenjifamneetti,

      Na sirreessite, anis of nan sirreesse.

      Ati Waaqa koo Yihowaa waan taateef,

      Na deebisi, anis yeruma sana nan deebiʼa.

  • Hisqiʼel 6:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Warri miliqanis saboota warra boojuudhaan itti fudhataman gidduu taaʼanii na yaadatu.+ Isaanis garaa isaanii isa amanamaa hin taane* isa na irraa gore+ sanaan, akkasumas ija isaanii isa waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan kajeeluudhaan* duukaa buʼe+ sanaan kan kaʼe garaan koo cabuu isaa ni hubatu. Isaan wanta hamaa fi jibbisiisaa raawwatan hundumaatiin kan kaʼe ni qaanaʼu, wantoota kanas ni jibbu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi