Hisqiʼel 47:3 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 3 Namichi sun wadaroo safaraa harkatti qabatee+ gara bahaatti gad baʼuudhaan dhundhuma* 1,000 ni safare; achiis bishaanicha keessa akkan darbu godhe; bishaanichis gulubii* bira gaʼa ture. Zakkaariyaas 2:1, 2 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 2 Anis ol jedhee yommuun ilaalu namicha wadaroo safaraa+ harka isaatti qabate tokko nan arge. 2 Kanaafuu, “Eessa dhaqxa?” jedheen isa gaafadhe. Innis, “Dalga ishii fi dheerina ishii beekuuf, Yerusaalemiin safaruufan dhaqa”+ jedhee deebise. Mulʼata 11:1 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 11 Shomboqqoon ulee* fakkaatu+ tokko naaf kenname, sagaleen tokkos akkana naan jedhe: “Kaʼi, iddoo qulqulluu mana qulqullummaa Waaqayyoo, iddoo aarsaa fi warra isa keessatti waaqeffatan safari. Mulʼata 21:15 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 15 Inni anaa wajjin dubbachaa ture sunis, magaalattii, karrawwan ishii fi dallaa ishii ittiin safaruuf ulee* safaraa warqii irraa tolfame qabatee ture.+
3 Namichi sun wadaroo safaraa harkatti qabatee+ gara bahaatti gad baʼuudhaan dhundhuma* 1,000 ni safare; achiis bishaanicha keessa akkan darbu godhe; bishaanichis gulubii* bira gaʼa ture.
2 Anis ol jedhee yommuun ilaalu namicha wadaroo safaraa+ harka isaatti qabate tokko nan arge. 2 Kanaafuu, “Eessa dhaqxa?” jedheen isa gaafadhe. Innis, “Dalga ishii fi dheerina ishii beekuuf, Yerusaalemiin safaruufan dhaqa”+ jedhee deebise.
11 Shomboqqoon ulee* fakkaatu+ tokko naaf kenname, sagaleen tokkos akkana naan jedhe: “Kaʼi, iddoo qulqulluu mana qulqullummaa Waaqayyoo, iddoo aarsaa fi warra isa keessatti waaqeffatan safari.
15 Inni anaa wajjin dubbachaa ture sunis, magaalattii, karrawwan ishii fi dallaa ishii ittiin safaruuf ulee* safaraa warqii irraa tolfame qabatee ture.+