-
Hisqiʼel 40:32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Innis kallattii bahaa irraa gara mooraa isa keessaatti na fidee karricha ni safare; innis hammuma warra kaanii gaʼa ture.
-
-
Hisqiʼel 40:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Barandaan isaa gara mooraa isa alaatti garagalee kan ture yeroo taʼu, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan lamaan irra fakkiiwwan muka meexxii jiru turan; kortoowwan gara isaatti ol baasan saddeetis jiru turan.
-
-
Hisqiʼel 40:35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Achiis inni gara karra isa kaabaatti+ na fidee karricha ni safare; innis hammuma warra kaanii gaʼa ture.
-
-
Hisqiʼel 40:37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan gara mooraa isa alaatti garagalanii turan; utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan lamaan irra fakkiiwwan muka meexxii jiru turan; kortoowwan gara isaatti ol baasan saddeetis jiru turan.
-