-
Iyyaasuu 14:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Lafti Israaʼelonni biyya Kanaʼaan keessatti dhaalaan fudhatan inni Eleʼazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunii fi dura buutonni manneen abbootii gosoota Israaʼel akka dhaalaniif isaaniif kennan kana dha.+ 2 Akkuma Yihowaan karaa Musee ajajee turetti dhaalli isaanii gosoota sagalii fi walakkaadhaaf+ carraadhaan ni hirame.+
-
-
Hisqiʼel 47:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 “Biyya kana ofiif, jechuunis gosoota Israaʼel 12niif hiradhaa. 22 Biyya kana ofiif, akkasumas namoota biyya ormaa isinii wajjin jiraatanii fi yeroo isin gidduu jirachaa turanitti ijoollee godhataniif hiraa; isaan isin biratti akkuma lammii Israaʼelitti ilaalamu. Isaan isinii wajjin gosoota Israaʼel gidduutti dhaala argatu.
-