-
Hisqiʼel 48:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Kun buusii qulqulluu lubootaaf kennamu ni taʼa.+ Innis kallattii kaabaatiin dhundhuma 25,000, kallattii dhihaatiin dhundhuma 10,000, kallattii bahaatiin dhundhuma 10,000, akkasumas kallattii kibbaatiin dhundhuma 25,000 ni taʼa. Iddoon qulqulluun inni kan Yihowaa taʼe immoo gidduu isaa ni taʼa. 11 Inni ilmaan Saadoq+ keessaa luboota warra qulqulleeffamaniif ni taʼa; isaan itti gaafatamummaa na tajaajiluuf qaban kan raawwatan yeroo taʼu, yeroo Israaʼelonnii fi Leewwonni na irraa fagaatanii turanitti+ na irraa hin fagaanne.
-