LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 32:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Kunoo, mootiin+ qajeelummaadhaan ni bulcha,+

      Bulchitoonnis haqaan ni geggeessu.

  • Isaayyaas 60:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Bakka sibiila diimaa warqii,

      Bakka sibiilaa meetii,

      Bakka mukaa sibiila diimaa,

      Bakka dhagaas sibiila nan fida;

      Nagaa ilaaltuu ol aanaa kee,

      Qajeelummaas isa si hojjechiisu godhee nan muuda.+

  • Ermiyaas 22:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 ‘Ijji kee fi garaan kee kan xiyyeeffate garuu buʼaa sirrii hin taane argachuu irratti,

      Dhiiga qulqulluu dhangalaasuu irratti,

      Akkasumas gowwoomsaa fi saamicha raawwachuu irratti qofa dha.’

  • Ermiyaas 23:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, guyyaan ani Daawitiif latii* qajeelaa itti kaasu ni dhufa.+ Mootiin ni bulcha;+ inni hubannaa ni argisiisa; biyyattii keessattis haqaa fi qajeelummaa ni raawwachiisa.+

  • Hisqiʼel 22:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Bulchitoonni ishii warri ishii gidduutti argaman akkuma yeeyyii wanta adamse cicciruu ti; isaan faayidaa sirrii hin taane argachuuf dhiiga ni dhangalaasu, namootas* ni ajjeesu.+

  • Hisqiʼel 46:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Geggeessaan sun qabeenya isaanii irraa humnaan isaan ariʼuudhaan dhaala sabichaa keessaa isa kam iyyuu fudhachuu hin qabu. Saba koo gidduudhaa eenyu iyyuu qabeenya isaa irraa akka hin buqqaaneef, inni qabeenya ofii isaa irraa ilmaan isaatiif dhaala kennuu qaba.’”

  • Miikiyaas 3:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Ani akkana nan jedhe: “Yaa dura buutota Yaaqoob,

      Isin ajajjoonni mana Israaʼel, maaloo dhagaʼaa.+

      Wanta sirrii beekuun isin irra hin jiruu?

       2 Isin garuu wanta gaarii ni jibbitu,+ wanta hamaa immoo ni jaallattu;+

      Saba koo irraa gogaa isaanii ni quncistu, lafee isaanii irraas foon ni kaastu.+

       3 Kana malees foon saba kootii ni nyaattu,+

      Gogaa isaaniis irraa ni baastu,

      Akkuma wanta distiitti affeelameetti, akkuma foon distii keessa jiruutti,

      Lafee isaanii caccabsitanii ni hurreessitu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi