-
Hisqiʼel 46:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
46 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Karri mooraa isa keessaa+ inni gara kallattii bahaatti garagalee jiru guyyoota hojii jaʼaaf+ akkuma cufametti turuu qaba;+ haa taʼu malee, guyyaa Sanbataattii fi guyyaa baatii haaraatti banamuu qaba. 2 Geggeessaan sunis karaa barandaa karrichaatiin alaa gara keessaatti seenee+ maqaanii karrichaa bira ni dhaabbata. Luboonnis aarsaa isaa isa guutummaatti gubamuu fi aarsaawwan gamtaa isaa ni dhiheessu; innis gubanii karrichaa biratti sagadee gad ni baʼa. Haa taʼu malee, karrichi hamma galgalaatti cufamuu hin qabu.
-