-
Hisqiʼel 10:15-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Kiruubelonni sun ol ni kaʼan; isaan uumamawwan jiraatoo* ani laga Kebaar+ biratti arge sanuma turan; 16 yommuu kiruubelonni sun sochoʼan, geengoowwan sunis isaan biratti sochoʼu turan; yommuu kiruubelonni lafa irraa ol kaʼuuf jedhanii qoochoo isaanii ol kaasanitti, geengoowwan sun duubatti hin garagalan yookiin isaan biraa hin sochoʼan turan.+ 17 Yommuu isaan dhaabbatan kanneen kunis ni dhaabbatu turan; yommuu isaan ol kaʼan isaanis isaanii wajjin ol kaʼu turan; sababiin isaas, hafuurri uumamawwan jiraatoo sana irratti hojjetu* isaan keessas jira ture.
-