LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 22:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Achiis hafuurri*+ tokko gara fuulduraatti siqee Yihowaa dura dhaabbatee, ‘Ani isa nan gowwoomsa’ jedhe. Yihowaanis, ‘Akkamitti isa gowwoomsita?’ jedhee isa gaafate. 22 Innis deebisee, ‘Ani baʼee afaan raajota isaa hundumaa keessatti hafuura dogoggorsu nan taʼa’ jedhe.+ Kanaafuu inni, ‘Ati isa ni gowwoomsita; milkaaʼinas ni argatta. Gad baʼiitii akkuma jette godhi’ isaan jedhe.

  • Ermiyaas 4:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Anis, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, wayyoo! Goraadeen morma keenya irra kaaʼamee* utuu jiruu, ‘Nagaa ni argattu’+ jechuudhaan dhugumaan saba kanaa fi Yerusaalemiin gowwoomsiteetta”+ nan jedhe.

  • 2 Tasalonqee 2:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 akkasumas gowwoomsaa+ jalʼina irratti hundaaʼe hundumaa raawwata; isaan fayyuu akka dandaʼanitti dhugaa waan hin fudhannee fi waan hin jaallanneef, kun warra badaniif akka adabaatti dhufa. 11 Waaqayyo isaan soba akka amananiif dhiibbaan gowwoomsaa akka isaan dogoggorsu kan heyyame kanaafi;+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi