29 “Guyyoota sanatti isaan lammata, ‘Firii wayinii dhangaggaaʼaa kan nyaatan abbootii dha; garuu ilkaan ilmaan isaanii ni hadoode’+ hin jedhan. 30 Kanaa mannaa, tokkoon tokkoon namaa balleessaa ofii isaatiin ni duʼa. Namni firii wayinii dhangaggaaʼaa nyaatu kam iyyuu ilkaanuma isaatu hadooda.”